Barbaaduu

Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) – Guyyaa Ciminaa

Sep 08, 2026

“Guyyaa Ciminaa
Itoophiyaa wayita yaaadnu, humnootii nageenyaa keenya jaboo biyya diinarraa eeguudhaaf halkaniifi guyyaa cimanì dhaabachuudhaan bakkee bulaniif dursa utuu hin kenniin waa'ee olka'insa gama hundaa yaaduun gonkumaa hin danda'amu.
Guyyaa ciminaa kanatti waaromuufi birmadummaa biyya keenyaaf jecha gootota keenya aarsaa seenaa qabeessa lubbuusaanii qaalii kanfalan kabaja biyyummaa olaanaadhaa kan yaadannu kanaafi.
Har'a biyyi keenya beekumsa mataasheefi humna ijoolleesheetiin xiyyaarota mama maleessa ta'aniifi gahumsa teknooloojii olaanaa qaban, konkolaattota loltummaa ammayyaa hidhatan, meshaalee gurguddoofi madfiiwwan akkasumas rasaasota dhuka'an indaastirii loltummaa mataasheetiin homishuu dandeesseetti.
Humni ofiin dhaabbachuu kun nageenyaafi guddina dinagdee gama hundaa uummata keenyaaf bu'ura cimaa waan ta'eef, cimina biyya keenyaa misooma qabatamaafi humna cimaa eeguufi ittisuutiin mirkaneessaa badhaadhina waaraa Itoophiyaa ni itichina!”