Barbaaduu

Gootummaa Dhugaa Loltoota Dubartoota Itoophiyaa Guyyaa Ciminaa Qaammee 3tti yoo yaadataman

Sep 08, 2026

Itoophiyaa "haadha biyyaa" yeroo jennu, cimini, bilisummaa fi eenyummaan ishee dhiigaa fi lafee intaloota ishee goototaa waliin walitti hidhata.
Loltoonni dubartootaa seenaa Iteegee Xaayituu Bixuul gaara Adwaa irratti agarsiisan hordofuun, har'as Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti gootummaan biyya eegaa jiru.
Qaammee 3 Guyyaa Ciminaa har'a kabajamu kanaan, fakkeenya jaalala biyyaa kan ta'an loltoota dubartootaa kabaja guddaan yaadanna.
Gootonni kunneen birmadummaa biyyaa eeguu bira darbuun, ergama biyya keessaa fi idil-addunyaa naamusaa fi gahumsa ol'aanaan raawwataniiru.
Muddama waraanaa fi qora gammoojjii keessatti gugaasummaa fi gootummaa isaaniitiin wabii biyyaa ta'aniiru.
Tajaajila nageenya eegsisuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin Somaaliyaa fi Sudaan (Abiyeetti) dandeettii ogummaa fi namummaa agarsiisaniin beekamtii fi Meedaaliyaa idil-addunyaa argataniiru.
Loltoonni dubartootaa utubaa Raayyaa Ittisaa fi mallattoo cimina biyya keenyaati.
Guyyaa Ciminaa kanaan gootummaa fi wareegama isaaniitiif galanni ol'aanaan ni malaaf.