Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen, Qaammee 3 baga Guyyaa Ciminaa nagaan geessan jedheera.
Ciminni calaqqee Itoophiyoota kaleessaa fi har'aati. Itoophiyaan dhiigaa fi lafee ijoollee isheetiin eegamtee as geesse.
Har’a Qaammee 3 Guyyaa Ciminaa jedhanii kabajuun gootota birmadummaa biyyaa mirkaneessaniif beekamtii kennuu, kanneen har'aa jajjabeessuu fi gootota fuulduraa horachuufi.
Itoophiyaan dachee, qilleensa, Galaanaa fi Saayibariin birmadummaa ishee kan eegsiisan gootota cimsitteetti.
Qaaxxee diinaa kamiyyuu gootummaadhaan fashaleessuun biyya bilisa taate dhalootaaf dabarsuun danda'ameera.
Raayyaan Ittisaa Biyyaa teeknooloojii ammayyaa, naamusa waraanaan kan ijaaramedha.
Yaa’ii fi mariin biyyaaleessaa itti fufuun ammoo toftaa diinaa fashaleesseera.
Guyyaa Ciminaa kana yeroo kabajnu, wareegama gootota birmadummaa fi nageenya biyyaaf kaffalaniif kabaja kennuun, faana isaanii faana bu'uuf waadaa galla.
Qaammee 3, 2018
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Finfinnee