Barbaaduu

Ciminnii fi cichoominni ammayyaa Dhaabbilee Nageenyaa aantummaa fi birmadummaa biyyaaf

Sep 08, 2026

‎Adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti kabajamuu birmadummaa, nageenya lammiilee fi tasgabbii waraa biyyaaf dhaabbileen nageenyaa ciccimoon, cichoomina qabanii fi ammayyaa murteessaadha.
‎
‎Ammayyummaan dhaabbilee nageenyaa meeshaalee waraanaa hidhataniin qofa osoo hin taane, naamusa ol’aanaa, dandeettii ogummaa fi yaaddoo kamuu qophaahummaa tarsiimawaan qolachuun kan ibsamuudha.
‎
‎Dhaabbileen kunneen Loogummaa siyaasaa irraa bilisa ta’uun, sirna heera mootummaa fi nageenyummaa uummataaf qofa amanamaa ta’uun tajaajiltoota uummataa dhugaa ta’uu isaanii agarsiisaniiru.
‎
‎Yeroo addunyaan Cehumsa teeknooloojii saffisaa, jijjiirama saayibarii fi siyaasa keessa jirtutti, dhaabileen keenya dandeettii nageenya saayibarii, yaa'iinsa odeeffannoo ammayyaa fi teeknooloojiiwwan ittisaa ammayyaan deeggaramuun yaaddoowwa uumamuun malan dursee fashaleessuu fi ittisuu sadarkaa ol’aanaan guddisaniiru.
‎
‎Tarkaanfii Daangaa biyya keenyaa kabachiisuun kabajaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasifamu hunda keessatti Lubbuun qaaliin gootota keenyaa itti kafalameera.
‎
‎Wareegamni kafalame kun imaanaa seenaa dhaloota dhufu biyya tasgabbooftee fi ceete, cimtee akkasumas kabajamte dhaalchisuuti.
‎
‎Qaammee 3 kan kabajnu guyyaa Ciminaan biyya bu'uura cimaarra dhaabuudhaaf nuffii tokko malee kan hojjetan, jaalala biyyaa fi nageenya uummataaf jecha waamicha biyya isaanii kabajuun adda waraanaa hundarra kanneen dhaabbatan, cichoomina qaamolee nageenyaa yaadachuudhaani.
‎
‎Guyyaa ciminaa kanaan jaalala biyyaaf, birmadummaa fi nageenya uummataaf jecha aarsaa gootota keenya lubbuu isaanii dabarsanii kan kennanii yaaduun, kabajuu fi hamilee qaamolee nageenyaa hojiirra jiranii gabbisuun itti gaafatamummaa hunda keenyaati.
Muzayyin Maammaatu qindeesse