Waggoota jijjiiramaa saddeettan darban keessa dhaabbileen hedduun caasaa fi hojmaata isaanii fooyyessaniiru.
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaas teeknooloojii ammayyaatiin jijjiirama guddaa galmeessiseera.
Dhaabbatichi hojmaata harkaa fi boodatti hafaa ture irraa guutummaatti gara sirna dijitaalaatti ceheera.
Tajaajila toora intarnetiin (online) kennuudhaan hiriira dheeraa tajaajilamtootaa kan hambise yoo ta'u, yeroo tajaajilaa guyyoota irraa gara daqiiqaa 15tti gadi hir'iseera.
Dabalataanis sirni Paaspoortii Elektiroonoksii (E-Passport) odeeffannoo Bayoomeetrikii eegumsa cimaan galmeessu hojiirra ooluun isaa wabii fi amanamummaa sanadootaa olkaaseera.
Hojmaanni hundi sirna dijitaalaa keessatti kan galmeeffamu waan ta'eef, malaammaltummaa fi hojii faddaalummaa hambiseera.
Ammatti dhaabbatichi tajaajila isaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaaleessaa fi too'annoo daangaa Teeknooloojii Nam-tolcheetiin (AI) walitti hidhuuf hojjechaa jira.