Barbaaduu

“Dhaabbileen Nageenyaa fi Tasgabbii Itoophiyaa agarsiistuu imala cimina biyya keenyaati” – Afa-yaii Agagnahu Tashaagar

Sep 08, 2026

Har’a Qaammee 3 Guyyaa Ciminaa ilaalchisee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sagantaan adda addaa raawwatamaa jira.
Saganticha Raayyaa Ittisaa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa, Bulchiinsa Nageenya Dhaabbata Odeeffannoo fi Inistiitiyuutii Hubannoo Nam-toleetu waliin qopheessan.
Af-yaaiin Mana Marii Federeeshinii Agagnahu Tashaagar, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii gaachana biyyaa fi agarsiistuu cimina Itoophiyaati jedhan.
Biyyattiinis dhaabbilee ammayyaa, cichoomina qabanii fi amanamoo ta'an ijaaraa jirti jedhan.
Itoophiyaan qormaata dinagdee, siyaasaa fi nageenyaa keessaa bahuudhaan gara fuulduratti tarkaanfachaa jiraachuu ishees eeraniiru.
Milkaahinni dippilomaasii, xumuramuun Hidha Haaromsaa fi tattaaffiin Hulaa Galaana argachuuf godhamu dogoggoraa fi hiyyummaa keessaa bahuu ishee agarsiisa jedhan.
Kanaafuu, qormaata keessaa fi alaa ittisuuf tokkummaa biyyaaleessaa cimsuun, garaa garummaa dhiphisuu fi birmadummaa biyyaa irratti cichuun murteessaadha.