Dhaabbanni Teeknooloojii Nam-tolcheetiin odeeffannoo dachee qoratu 'AlphaGeo' sakatta'iinsa dandeettii dandamannaa dhiibbaa haala qilleensaa (Climate Resilience) magaalota gurguddoo addunyaa 72 irratti taasiseen Finfinneen 2ffaa ta'uudhaan milkaahina galmeessisteetti.
Qorannoon kun qophii magaalaan tokko balaa uumamaa ittisuu, walbaruu fi dandamachuuf qabdu irratti kan xiyyeeffateedha.
Akka kanaan magaalaan Chikaagoo (Ameerikaa) 1ffaa yoo taatu, Finfinneen magaalota gurguddoo akka Meelboorni, Baarseloonaa fi Paaris dursuudhaan addunyaa irraa 2ffaa taateetti.
Milkaahinni seenaa qabeessi kun hojiiwwan misooma kooridarii magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran, ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lageenii akkasumas misoomni bu'uuraalee ammayyaa hojjetaman dandeettii dandamannaa magaalattii cimsachuu isaanii mirkaneessa.
Yeroo magaalonni Eeshiyaa Kibbaa balaa qilleensaatiif saaxilamanii sadarkaa gadi aanaa irra jiranitti, milkaahinni Finfinnee kun tattaaffiin Itoophiyaan eegumsa naannoo fi misooma magaalaa waaraa irratti gochuun ishee bu'aa qabeessa ta'uu agarsiisa.
Kunis magaalattiin fakkeenya ciminaa fi jireenyaaf mijattuu ta'uu ishee addunyaaf kan mirkaneessedha.