Raayyaan Ittisa Biyyaa utubaa birmadummaa fi dahoo biyyaati.
Dhaabbatichi ‘Dooktriinii’ mataa isaa kan qabu fi loogii siyaasaa irraa bilisa ta'uudhaan, humnoota fedhii isaanii humna meeshaatiin fe'uuf yaalan ittisuu fi seeraaf dhiheessuu dirqama heera mootummaa isaa bahacha ajiira.
Humnichi birmadummaa eeguu bira darbee dippilomaasii waraanaa guddisuudhaan biyyoota ollaatiif fakkeenya ta'eera.
Shuumiin Iitaamaajoorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, "Raayyaan akka Itoophiyaa haala ulfaataa keessatti ergama bahachuu fi biyya tiksuu danda'u addunyaa irra hin jiru" jedhaniiru.
Cimina sirreeffama caasaa fi qophiidhaan, raayyaan ittisa biyyaa teeknooloojii waraanaa ammayyaa fi saayinsii waraanaatiin qophaahummaa cimaa qaba.
Akkasumas qorannoo odeeffannoo, teeknoolojii saayiberii fi sochii ariifachiisaatiin gahumsa ol'aanaa horateera.
Cimina biyyaaleessaa kana itti fufsiisuuf ‘Elitoonni’ siyaasaa yaadota waldhabdee uuman dhiisuun, nagaa fi tokkummaa biyyaatiif hojjechuun murteessaadha jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.