Barbaaduu

Lafa irraa hanga Saayibariitti:- Gaachana Birmadummaa Hundagaleessa Itoophiyaa

Sep 08, 2026

Itoophiyaan qormaata adda addaa dandamachuun imila badhaadhinaa itti fufsiisuu keessatti dhaabbileen nageenyaa fi eegumsaa gahee guddaa taphataa jiru.
Dhaabbileen kunneen deeggarsa uummataa fi teeknooloojii ammayyaatiin ijaaramuun birmadummaa fi nageenya biyyaa eegaa jiru.
Bara haaraa kanaan yeroo Qaammee 3 Guyyaa Ciminaa kabajamu, Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Feedaalaala, Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa, Bulchiinsa Nageenya Dhaabbata Odeeffannoo (INSA) fi Instiitiyuutiin Hubannoo Nam-tolchee (AI) dandeettii isaanii agarsiisaa jiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa fi qilleensa biyyaa eeguun sadarkaa idil-addunyaatti fakkeenya ta'eera.
Poolisiin Feedaalaalaatis teeknooloojiitti fayyadamuun ol'aantummaa seeraa eegsiisaa jira.
Akka Itti aanaan Komishinar Jeneraalii Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Mulaakuu Faantaa ibsanitti, "Poolisiin Fedelaalaa teeknooloojii ammayyaatiin hidhachuun dirqama isaa ciminaan bahachaa jira."
Gama biraatiin, ‘INSA'n qaaxxee Saayibarii ittisuudhaan Hidha Haaromsaa fi dhaabbilee Faayinaansii eegaa kan jiru yoo ta'u, Instiitiyuutiin Hubannoo Nam-tolchee hojii nageenyaa ammayyeessaa jira.
Dhaabbileen kunneen sirreeffama fi teeknooloojiidhaan birmadummaa dijitaalaa fi waaraa Itoophiyaa mirkaneessaa jiru.