Barbaaduu

Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee dureeyyonni Qaataar Itoophiyaatti hojii invastimantii irratti akka bobba’an waamicha dhiheessan

Sep 08, 2026

Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqa Sillaasee Yaa’ii Invastimantii Idil-addunyaa Gamtaa Emireetota Arabaatti taa’amaa jiru cinaatti miseensa boordii Chaambarii Qaataar Alii Biin Albdullatiif Al-Misnaad waliin mari’ataniiru.
Marichaan dureeyyonni Qaataar keessumattuu damee Qonnaa, Fayyaa, Ijaarsa misooma bu’uuraalee, tajaajila gorsaa fi filannoowwan invastimantii biroon dhimmoota hirmaannaa invastimantii isaanii guddisuuf dandeessisu irratti xiyyeeffatameera.
Pirezidaanti Taayyeen marii kanaan, Itoophiyaatti hojiilee mootummaan dureeyyota alaa hawachuu fi naannoo invastimantii mijataa uumuuf hojjechaa jiru irrattis ibsa kennaniiru.
Dureeyyoonni Qaataar filannoowwan invastimantii mijataa jiran akka fayyadamanii fi hariiroon isaanii cimus waamicha dhiheessaniiru.
Miseensi boordii Chaambarii Qaataar Alii Biin Albdullatiif Al-Misnaad gama isaaniin, dureeyyonni Qaataar Qonna, Fayyaa, ijaarsa misoomaa bu’uuraalee keessumattuu ijaarsa manneenii fi damee misooma dijitaalaa irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsan.
Dureeyyoonni Qaataar haala mijataa invastimantii Itoophiyaan qabdu akka fayyadaman hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf kan hojjatamu ta’uu himan.
Muzzayyin Maammaatu qindeesse