Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Qaammee 5 Guyyaa Borii sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, cehumsi teeknooloojii biyyaaleessaa waraqaa irraa gara dijitaalaatti, akkasumas fayyadamtummaa irraa gara kalaqaatti cehaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee ergaa isaanii kanaan, leenjiinii fi fooyyessi kaleessaa har’a kutannoo ol’aanaatiin ijaaramee tiraanisfoormeeshiniin dijitaalaa aadaa keenya isa hoggayyuu ta’aa jiraachuu eeraniiru.
Kunis daldalaa fi tajaajila si’oomsuu, walgeettii odeeffannoo mirkaneessuu fi dameewwan ammayyeessuu keessatti shoora ol’aanaa taphachaa jira.
Sochiin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona shanii dargaggoota kalaqxoota hHubannoo Nam-tolchee (AI) galma miiliyoona 7tti qajeelaa akka jiruu fi walgeettii akkasumas qulqullina tajaajila dijitaalaa mirkaneessuu isaas eeraniiru.
Dabalataanis, birmadummaan Saayibarii humna biyyaaleessaatiin gabbate maxxantummaa teeknooloojiiwwan to’achuu hin dandeenyerraa biyyattii baraaruu ibsuun, Itoophiyaa haaraa misooma dijitaalaatiin humna mataa isheetiin dhaabbattu boqonnaa haaraa irra gahuushee labsaniiru.