Egere hojii har’a hojjetamuun murtaaha. Beekumsa biyya keessaa teeknooloojii ammayyaa waliin walqabsiisuun egeree ijaaruun itti gaafatamummaa dhaloota kanaati.
Mootummaan dijitaalaayizeeshinii akka dandeessisaa fi damee dinagdeetti fudhate meeshaa ijaarsa biyyaa taasiiseera.
Itoophiyaan dhaloota dhufuuf badhaadhina malee idaa hin dhaalchistu.
Kanaafis barattoota miiliyoonaan lakkaawaman manneen barnootaatti nyaachisaa barasiisaa, dargaggoota miiliyoonaan lakkaawaman leenjii Koodarootaa bilisaa kennaa fi Yuunivarsiitii Hubannoo Nam-tolchee (AI) jalqabaa ammoo ijaaraa jira.
Mootummaan teeknooloojii, wabii Saayibarii fi birmadummaa odeeffannoo malee egereen gufuu akka ta’u ni hubata.
Dameen qonnaa, tajaajilli mootummaa fi dorgommiin dargaggoota idil-addunyaa teeknooloojii dijitaalaa irratti kan hundaahudha.
Qaammeen 5 Guyyaa Egeree jedhamee kabajamuun isaas, uummataa fi dhaloota haarawa fuulduratti teeknooloojiin dorgomaa ta'an ijaaruu fi Itoophiyaan gara boqonnaa cehumsa dijitaalaatti tarkaanfachuu ishee ergaa deeggaru dabarsuufi.