Weerara Faashistii Itaaliitiin booda Hagayya 1934 miira gootummaa fi jaalala biyyaatiin kan hundeeffame Baankiin Daldala Itoophiyaa, har'a utubaa dinagdee biyyaa ta'eera.
Baankichi hojii yeroo jalqabu biyyattiin maallaqa daldalaa mataa ishee hin qabdu turte.
Daldalli maallaqa alaa 'Martrezaa' jedhamuun raawwatamaa kan ture yeroo calqabaa sana, baankichi kaapitaala ka'umsaa ‘Maartereezaa’ miiliyoona tokkoo, dame lamaa fi hojjettoota 43 qofaan hojii jalqabe.
Yeroo sana baankii daldalaa qofa otoo hin taane, hanga Baankiin Biyyaaleessaa hundaahutti madaala dinagdee gooroo hogganuu fi maallaqa maxxansuu irratti itti gaafatamummaa seenaa qabeessa biyyaaleessaa gahumsaan bahateera.
Dhaabbanni hangafni kun bara 2018titti kaapitaala isaa birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 24.8tiin gahuu danda'eera.
Yeroo ammaa baayyinni hojjettoota isaa kuma 80, baayyinni dameewwan isaa 1,916 kan gahe yoo ta'u, Suudaan Kibbaa fi Jibuutiitti dameewwan banatee tajaajila kennaa jira.
Kuusaan maallaqa isaa birrii Tiriiliyoona 2.4 ol, qabeenyi isaa waliigalaa ammoo birrii Tiriiliyoona 3.16 akkasumas baayyinni maamiltoota isaa miiliyoona 48tii ol gaheera.
Baankichi Hidha Haaromsaa Gudichaa fi buufataalee humna ibsaa (Gilgel Giibee 1, 2 fi 3) irraa kaasee hanga pirojeektoota humna qilleensaa Adaamaa, Ashegodaa fi Asallaatiif deeggarsa faayinaansii taaseera.
Damee Qonnaatiif waggaatti birrii biiliyoona 100 fi biilyoona 70 kan ramadu yoo ta'u, dhiheessii Boba'aatiif hanga Doolaara biiliyoona afurii baasii gochuudhaan lafee dugdaa dinagdee ta’uu isaa mirkaneesseera.
Gamoo abbaa darbii 46 kan ijaarrate Baankichi, Finfinneetti 20, walii galaan ammoo Gamoowwan 161 qaba.