Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Moojootti argamuudhaan babal'ina Wiirtuu Loojistiksii ammayyaa lafa heektaara 60 irratti ijaaramee fi milkaahina Naannoo Daldala Bilisaa Afrikaatiif shoora ol’aanaa qabu marsaa jalqabaa eebbisan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) sirna eebbaa kana irratti akka ibsanitti, pirojeektiin guddaan kun buufatawwanii fi manneen kuusaa waggaatti Konteenaroota abbaa dhundhuma digdamaa miiliyoona 1 keessummeessuu danda'u.
Wiirtuun kun fe'isa gogaa biyya keessatti saamsuu kan dandeessisu waan ta’eef, baasii sharafa alaa ol’aanaa qusachuu irra darbee carraa hojii bal'aa uuma jedhameera.
Si'oomina hojii wiirtichaa dabaluufis biyya keenya keessatti yeroo jalqabaaf Kiriiniin sarara Baaburaa irratti dhaabbate socho'a Konteenaraa sarara Baaburaa irraa saffisaan ol’aanaadhaan raawwachiisuuf kan gargaaru ta’uu Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin hubachiisaniiru.
Homaanni hojii isaa guutumaan guutuutti misooma bu'uuraalee dijitaalaa ammayyaatiin kan walqabate dhiheessii tajaajilaa saffisaa fi amansiisaa ta'e maamiltootaaf ni kenna jedhameera.
Dabalataanis wiirtuun kun sarara Itiyoo-Jibuutii bira darbee Kooriidara 'Daassuu' kan Itoophiyaa, Suudaan Kibbaa fi Ugandaa waliin wal-qunnamsiisu akka ta'e Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) eeraniiru.
Kun ammoo sadarkaa Loojistiksi idil-addunyaa irratti bakka biyyi keenya qabdu fooyyessuudhaan hidhata dinagdee naannichaa gara boqonnaa guddinaa haaraatti kan ceesisu milkaahina guddaadha jedhaniiru.