Barbaaduu

“Bu’aaleen marii biyyaalessaa hanga Fulbaana 10 bara 2019tti mana marii bakka bu’oota ummataaf ni dhihaatu”-Pirofeesar Masfin Ari’aayaa

Sep 10, 2026

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa yaadota murtii yaa’ii marii biyyaarraa argaman sanada gara gochaatti jijjiiruuf dandeessisu bocee qaamolee dhimmichi ilaallatuuf akka dhiheessu beeksise.
Komishinarri ol’aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, imala Itoophiyaa bara 2018 mariin goolabuun danda’amuun hojii abdii haaraa uume guddaa ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi kun Itoophiyaanonni garaa garummaa isaanii mariin furuun gara waliigaltee walootti dhufuu akka danda’an gochaan kan agarsiiseedha jedhan.
Bu’aan bara 2018 argame kun guutuu kan ta’u bara haaraa fi baroota itti aananitti gochaan yoo mirkanaahe ta’uus pirofeesar Masfin Ari’aayaa dubbataniiru.
Komishinichis yeroo hojii hafetti bu’aa marichaa galmaan gahuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin qindoominaan akka hojjetu ibsaniiru.
Bu’aaleen Marii Biyyaalessaa akka raawwatamanii fi Itoophiyaan gara boqonnaa haaraatti akka ceetu, uummanni Itoophiyaa hundi, qaamoleen mootummaa, dhaabbileen Amantaa fi Siivikii, paartileen siyaasaa, hayyootaa fi dhaabbileen miidiyaa gahee bahachaa turan cimsanii itti fufuu akka qabanis dhaamaniiru.
Muzayyin Maammaatu qindeesse