Lammiileen adeemsa dhiifamaatiin gadhiifaman daandii seenaa darbe irraa barachuudhaan daandii fuulduraa kan nageenyaa fi dimokiraasii akka taasisan kan abdatamu ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.
Ministirri Muummeen ergaa Ayyaana Bara Haaraa 2019 ilaalchisuun dabarsaniin, hirmaattotni marii biyyaaleessaa irratti hirmaatan lammiileen sababa dogoggora adda addaatiin hidhamanii turan adeemsa dhiifamaa fi seeraatiin akka gadhiifaman gaafatanii akka turan eeraniiru.
Mootummaanis gaaffii kana fudhachuun kanneen adeemsichaan waliigalan gadhiisuu beeksisan.
Kaayyoon marii biyyaaleessaa Itoophiyaanonni dhimma isaanii irratti mari’achuudhaan yaadota furmaataa irratti akka waliigalan taasisuu ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee, mootummaan kutannoo raawwii yaadota marichaa qabu adeemsa dhiifamaa kanaan agarsiisuu eegaluu isaas dubbataniiru.
Lammiileen hiikaman kunneenis yaadota murtii marii biyyaaleessaa irratti gahee gaarii akka bahatan nan amana jedhaniiru.
Dabalataanis, hawaasni lammiilee dhiifamaan hiikaman kanneen gorsuu fi deeggaruudhaan, nageenya fi misooma biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan gargaaruu akka qabu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) waamicha dhiheessaniiru.