Ayyaanni Bara Haaraa Itoophiyaa uumama haaromsuu fi ganni dabee uummanni bifa haaraadhaan abdii egeree itti lallabudha.
Barri haaraan kun qormaata darbe dhiisnee, gara badhaadhina guutuu Itoophiyaatti fuula keenya kan itti deebifnu ta'a.
Hojiiwwan pirojeektota gurguddoo fi misooma Kooriidariitiin raawwataman dhaloota egereetiif kan hojjetaman ta'uu agarsiisu.
Itoophiyaan seenaa guddinaa ishee barreessuuf lammiileen ishee sababa fi gumaacha dafqaatiin kan deeggaramudha.
Rakkoo gara carraatti jijjiiruudhaan seenaa injifannoo galmeessuuf dandeettii fi kutannoo cimaa qabdi.
Barri haaraan kun tokkummaan sab-daneessummaa fi aadaan dimokiraasii keenya caalaatti kan itti cimu akka ta'u, hundi keenya qooda keenya bahachuu qabna.
Yaada moofaa dhiisnee yaada haaraa misoomaatiin fuulduratti tarkaanfachuu fi rakkoowwan keenya mariidhaan furachaa seenaa keenya ofuma keenyaan barreessuun dirqama dhaloota haaraati.
Barri kun bara Itoophiyaanotaa fi bara Itoophiyaa haaraati. Tokkummaa fi wal deeggarsaan guddinaa fi injifannoo seenaa keenyaa irra deebinee ni galmeessina.
Ediitooriyaalii EBC Dotstream