Yaa’iin Hoggantootaa ‘BRICS’ 18ffaan har’a Indiyaa, Niiwu Deelhii taa’amuu eegala.
Yaa’iin guyyoota lamaaf turu kun, mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Itti fufiinsa Ijaaruu” jedhuun taa’ama.
Yaa’ii kana irratti hoggantoonni biyyoota miseensa ‘BRICS’, hoggantoonni biyyoota dhihootti itti dabalamanii fi hoggantoonni ol’aanoo dhaabbilee addunyaa ni hirmaatu.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’icharratti hirmaachuuf Indiyaa, Niiwu Deelhii gahuu isaanii Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Hoggantoonni kunneen akkaataa tumsa dippiloomaasii fi dinagdee addunyaa caalaatti cimsuu danda’an irratti ni mari'atu jedhameet eegama.
Yaa’iin bara kanaa bulchiinsa addunyaa cimsuu, dhiibbaa biyyoonni guddachaa jiran siyaasa addunyaa keessatti qaban guddisuu fi wal qixxummaa daldalaa fi invastimantii cimsuu irratti xiyyeeffateera.
Sirna dhiheessii fi dandeettii dinagdee dijitaalaa babal’isuun xiyyeeffannoo yaa’ichaa kan biraati.
Mariiwwan nageenyaa fi Anniisaa irratti taasifamanis waldhibdee Ji'oopolatikaa, wabii Anniisaa fi wabii nyaataa irratti furmaata dhiheessuu kaayyooffatanii kan mari’atamanidha.
Yaa’ii Hoggantoota ‘BRICS’ 18ffaa kana irratti hirmaattonni 500 ta’an ni hirmaatu jedhameet eegama.
Yaa'ii hoggantootaa kanaan alatti, Fooramii Daldalaa ‘BRICS’ taa’amaa jiru irratti hoggantoonni daldalaa 2,000 ol hirmaataniiru.
Indiyaan wayita ammaa kana dura teessuu yeroo ‘BRICS’ ta’uun tajaajilaa jirti.