Barbaaduu

“Hariiroon Itoophiyaa fi Indiyaa gara hariiroo tumsa haaraa ol’aanaatti ni ceha” – Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Sep 12, 2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa'ii ‘BRICS’ cinaatti Ministira Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii waliin dhimmoota tumsa biyyoota lamaanii cimsuuf dandeessisan irratti mari'achuu ibsaniiru.
Marii isaanii kanaanis tumsa damee ittisaa guddisuu, cehumsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, damee albuudaa akkasumas imala gara Yaa'ii Jijjiirama Qilleensaa COP32 irratti xiyyeeffachuu himaniiru.
Dameewwan tumsaa kunneen tumsa qabatamaa cimsuu fi carraawwan haaraa uummatoota biyyoota lamaaniif uumuuf gahee ol’aanaa kan qaban ta'uus ibsaniiru.
Itoophiyaa fi Indiyaan hariiroo seenaa qabeessa, walitti hidhamiinsa aadaa fi michumma cimaa kan qaban yoo ta'eyyuu, dandeettii guddaan biyyoota lamaan gidduu jiru ammas faayidaarra osoo hin ooliin hafuu hubachiisaniiru.
Kanaafuu, hariiroo seenaa qabeessaa fi fedhii waloo kana teeknooloojii, ogummaa, invastimantii, misooma waaraa fi hariiroo uummataa cimaa irratti bu'uureffachuun gara tumsa waloo fi faayidaa mirkaneessutti jijjiiruuf yeroon isaa amma ta'uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) mirkaneessaniiru.