Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad yaa'ii 'BRICS' cinaatti pirezidaantii Iraan Masuud Peezishkiyaan waliin mari'achuu ibsan.
Marichaanis haalawwan yeroo naannoo Galaana Diimaa jiranii fi haala nageenya waliigalaa naannichaarratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.
Kana malees barbaachisummaa marii fi dhimmoota tasgabbii naannichaa dhugoomsuuf dandeessisan irratti mari'achuus Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) himaniiru.