Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Yaa'ii ‘BRICS’ cinaatti Ministira Muummee Maleezhiyaa Anwaar Ibraahiim waliin mari’achuu isaanii beeksiisaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) ergaa karaa fuula midiyaa hawaasaa qoodaniin, daawwannaa seenaa qabeessa Ministira Muummee Maleezhiyaa Sadaasa 2018 Finfinneetti taasifame irraa carraawwan gaarii argaman caalaatti akkaataa cimsuun danda'amurratti mari’achuu ibsaniiru.
Mariin isaaniis invastimantii, tuuriizimii, tumsa anniisaa haaromfamaa babal’isuu fi imala gara COP32tti taasifamu irratti tumsa jiru cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
Kanamalees muuxannoowwan Maleezhiyaan guddina paarkii indaastirii, omishtummaa fi damee omishtootaa keessatti qabdu fudhachuurratti mari’achuu isaanii Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) ibsaniiru.
Itoophiyaa fi Maleezhiyaan tumsa dinagdee cimaa ijaaruuf dandeettii ol’aanaa kan qaban ta’uu fi kunis meeshaa invastimantii, teeknooloojii, ogummaa fi misooma waaraa keessatti carraawwan haaraa kan uumu ta’uu hubachiisan.