Barbaaduu

“Indiyaa fi Itoophiyaan michummaa isaanii gara dameewwan walta’iinsa haaraatti ceesisaa jiru” – Ministira Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii

Sep 12, 2026

Indiyaa fi Itoophiyaan michummaa isaanii waggoota dheeraaf ture gara dameewwan walta’iinsa haaraatti ceesisaa jiru jechuun Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii ibsaniiru.
Ministirri Muummee Naareendiraa Moodii ergaa fuula marsariitii hawaasummaa isaaniirratti qoodaniin, Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) simachuu isaanii ibsuudhaan, michummaa waggoota dheeraaf ture gara dameewwan haaraatti guddisaa akka jiran hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Yaa’ii ‘BRICS’ 18ffaa irratti hirmaachuuf gara Indiyaa deemuun isaanii kan beekamudha.