Barbaaduu

Yaa’iin BRICS tumsa waloo Gara duudhaa Waloo, cichoominaa fi Guddina waaraatti Jijjiiruuf dandeettii fi Kutannoo Bal'aa Qaba- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Sep 12, 2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Yaa’iin BRICS tumsa waloo gara duudhaa waloo, cichoominaa fi guddina waaraatti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal'aa qabaachuu ibsaniiru.
‎
‎ Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin, yaa'ii BRICS 18ffaa mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Itti fufiinsa Ijaaruu" jedhuun Indiyaa, magaalaa Niiwu Deelhiitti geggeeffamaa jiruu irratti hirmaachuu keenyaan ni boonna jedhaniiru.
‎
‎Biyyoota miseensa BRICS biratti qabeenyi, teeknoolojiin fi gabaa bal'aan ni jira, carraan gaariin amma jiru humna kana walitti hidhuudhaan faayidaa olaanaa uumuu fi faayidaan kun immoo bakka qabeenyi jirutti akka oomishamu gochuu barbaachisas jedhaniiru.
‎
‎Itoophiyaan misooma albudaa, humna haaromfamaa fi bu'uura indaastirii guddachaa jiru irratti tumsa kana ijaaruuf qophii ta'uu ishee ibsaniiru.
‎
‎Dabalataanis, sirna hojimaataa keenya keessatti cichoomina ijaaruu, hubannoon Nam-tolchee (AI) fedhii ardii keenyaa akka tajaajilu gochuu, adeemsa boqonnaa kafaltii liqii guddisuu fi hojiiwwan eegumsa qilleensaa, cehumsa diinagdee waliin walitti hidhuun akka barbaachisus Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.