Guddinaa fi tattaaffiin cimina ‘BRICS’ madaala humnaa addunyaa sirreessuu keessattii qooda ol’aanaa qaba.
Biyyoonni miseensaa ‘BRICS’ teeknooloojii, Kaapitaalaa fi gabaa bal’aa uummata addunyaa dhibbeentaa 49 qabachuun, sirna daldalaa fi faayinaansii addunyaa irratti dhiibbaa uumaa jiru.
Yeroo biyyoonni hedduun miseensa ‘BRICS’ ta'uuf caarraaqqii, Itoophiyaan miseensa guutuu ta'uun ishee milkaahina dippilomaasii seenaa qabeessadha.
Kunis tarsiimoo dippilomaasii bilchinaa fi walaba ta'e, akkasumas dantaa biyyaaleessaa dursuu hordofuu isheetiini.
Saayinsii hawaa, teeknooloojii dijitaalaa fi anniisaa haaromfamaa irratti tumsa uumuufis carraa bal’aa bana.
Miseensummaan kun Itoophiyaadhaaf:
Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) irraa faayinaansii pirojeektota sarara bu'uuraa argachuu,
Cehumsa teeknooloojii fi beekumsaa ariifachiisuu,
Omishaalee biyya keessaa gabaa bal'aa ‘BRICS keessatti dhiheessuu fi invastimantii alaa hawwachuu dandeessisa.
Dimshaashumatti, miseensummaan Itoophiyaa dhiibbaa Ji'oopolatikaa ishee gara sadarkaa haaraatti kan ceesisudha.