Barbaaduu

Yaa'iin Hoggantootaa ‘BRICS’ 18ffaan Itoophiyaaf injifannoo maalii argamsiise?

Sep 14, 2026

Injifannoowwan Labsii Niiwu Deelhii irratti labsaman keessaa:-
Labsicha Keewwata 105 jalatti
‘BRICS’ miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa (WTO) ciminaan deeggara.
“Miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Itoophiyaa fi Iraan jabeessinee deeggarra”.
Keewwatuma 105 jalatti
‘BRICS’ Itoophiyaan kaadhimamtuu Afrikaa Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil Addunyaa (ICAO) ta’uu ni fudhata.
“Yaa’iin ariifachiisaa waliigalaa Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-Addunyaa filannoo waliigalaa yeroo itti aanu gaggeessuun deeggarsa guutuu Gamtaa Afrikaatiin qofaa ishee kaadhimamtuu kan taate Itoophiyaa fi Indooneezhiyaan mana marichaatti teessoo dabalataa qabachuuf gaaffii kaadhimamummaa dhiheessan gammachuun ni simanna”.
Labsicha Keewwata 107 jalatti
‘BRICS’ Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaa dandeettii guutuun ni deeggara.
“Milkaahina COP30 Biraaziil kan dinqisiifannu yoo ta’u, haammattoo waliigaltee jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaa deeggarsa qabnu ni ibsina”.
Muzayyin Maammaatu qindeesse