Yaa’iin Hoggantoota ‘BRICS’ 18ffaa Indiyaa, Niiwu Deelhiitti mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Itti fufiinsa Ijaaruu” jedhuun taa’amee ture xumuramuun cinaatti, tumsa tarsiimowaa garichaa cimsan mariiwwan 400 ol ta’an mari’atamaniiru.
Haammattoo tumsa ‘BRICS’ jalatti magaalota Indiyaa 30 keessatti sochiiwwan taasiifaman kanaan, Ministiroota, Miseensota Paarlaamaa, hoggantoota dhaabbilee, damee daldalaa fi hawaasa gidduutti mariiwwan fayyadamummaa waloo mirkaneessan gaggeeffamaniiru.
Labsii Niiwu Deelhii dandeettii dandamannaa waloo guddisuu, guddina dinagdee kalaqa bu’uureffate cimsuu, misooma waaraa babal’isuu, hariiroo uummatootaa cimsuu fi bulchiinsa idil-addunyaa keessatti bakka bu’iinsa fooyya’aa argachuuf gumaacha ol’aanaa taasiiseera.
Keessattuu dandeettii cimsuu fi kalaqa babal’isuu irratti kutannoon agarsiifameera.
Dabalataan, ‘BRICS’ biyyoota michuu fi guddachaa jiran waliin tumsa fayyadamummaa waloo fi misooma giddugaleeffate ijaaruuf kutannoo qabu ibsuun, hirmaannaa biyyoota kanneenii dinqisiifateera.
Muzayyin Maammaatu qindeesse