Barbaaduu

Turtii guyyaa 2ffaa yaa’ii hoggantoota ‘BRICS’ 18ffaa

Sep 14, 2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi gareen jila isaanii yaa’ii hoggantootaa ‘BRICS’ 18ffaa Fulbaana 2 fi 3 bara 2019 Indiyaa, Niiwu Deelhiitti taa'ame irratti hirmaachuun isaanii ni yaadatama.
Yaa'iin guyyaa lammaaf mata duree "Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Itti fufiinsa Ijaaruu" jedhuun taa’ame kun, ibsa ejjennoo waloo qabxiiwwan 140 kan qabu "Ibsa Niiwu Deelhii" baasuudhaan xumurameera.
Ibsa kanaan:
Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti (WTO) akka dabalamtu deeggarsi cimaan taasifameera.
Mana Marii Siivilii Aviyeeshinii Addunyaatiin (ICAO) Itoophiyaan kaadhimamtuu bakka buutuu Gamtaa Afrikaa qofa galeettii ta’uudhaan teessoo dhaabbataa akka qabaattu tattaaffii taasifamu ciminaan kan deeggaran ta’uun eerameera.
Qophii Yaa’ii Jijjiirama Haala Qilleensaa Addunyaa (COP32) keessummeessuuf taasiftus kan deeggaran ta’uu ibsichaan mirkanaaheera.
Yaa'ii 19ffaa ammoo Chaayinaan akka qopheessitus waliigalameera.
Yaa’ii hoggantoota ‘BRICS’ kana cinaatti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hoggantoota biyyoota miseensaa fi michootaa waliin daldala, invasitimantii, ittisa fi dijitaalaayizeeshiniin irratti marii bu'aa qabeessa mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) affeerraa irbaataa boodas yaa'icha xumuruun gara biyyaatti deebi’aniiru.