Birmadummaan biyya tokkoo, nageenyii fi tasgabbiin lammiilee dhaabbata nageenyaa cimaa irratti kan hundaahanidha.
Haala yeroo keessatti dhaabbileen nageenyaa gocha Saayibarii, yakka qindaahaa fi daddala seeraan alaa ittisuuf caasaa, humna namaa, teeknooloojii fi hojmaata isaanii haroomsuu irratti xiyyeeffataniiru.
Dhaabbileen kunneen birmadummaa kabachiisuu cinaatti, sodaawwan nageenyaa otoo hin uumamin dura tilmaamuun ittisuu irratti xiyyeeffatu.
Keessattuu, Pooliisiin Federaalaa Itoophiyaa dandeettii 'Forensic Science' fi teeknika qorannoo yakkaaa saayinsawaa ta'een cimsuun isaa gumaacha olaanaa taasiiseera.
Dabalataan, imaammanni nageenya Saayibarii biyyaaleessaa eegumsa odeeffannoo fi misooma bu'uuraalee irratti shoora murteessaa taphata.
Dhaabbata nageenyaa ammayyeessuuf teeknooloojii bituu qofaan osoo hin taane, humna namaa seeraa fi mirga namoomaa kabajchiisu uumuun dhimma ijoodha.
Dhaabbileen leenjii fi qorannoo Poolisiis leenjii mala walitti bu'iinsa furuu fi yakka daangaa cehu ittisuu irratti fooyya'iinsa taasiisaa jiru.
Rifoormiin kun birmadummaa biyyaa mirkaneessuun, seera kabachiisuu fi nageenya uummataa waaraa gochuuf adeemsa itti fufiinsa qabudha.