Barbaaduu

Albuuda Warqii:- Buna waliin dorgomuun utubaa dinagdee Biyyaa ta’aa kan dhufe

Sep 16, 2026

Itoophiyaan qabeenya uumamaa lafa jalaatti fayyadamuudhaan hiyyummaa irraa gara badhaadhinaatti cehuuf tarkaanfii jajjabeessaa irra jirti.
Yeroo dheeraaf gumaacha dinagdee xiqqaa taasisaa kan ture dameen Albuudaa, daldala seeraan alaa ittisuu fi sirna ammayyeessuun gara bu'aa ol’aanaatti jijjiiramaa jira.
Fooyya'iinsa imaammataa fi hojiiwwan raawwatamaniin waggaa tokko qofa keessatti omisha Warqii irraa galiin Doolaara biiliyoona 5.7 argameera.
Milkaahinni kun galii waliigalaa waggoota 27 darban (1984–2011) sassaabame Doolaara biiliyoona 3.7n kan caaludha.
Guddinni kunis omishicha sirnaan hogganuu fi kontirobaandii hambisuu irraa kan argamedha.
Naannoo Benishaangul Gumuzitti warshaan Warqii Kurmuuk, misooma Tulluu Kaappii fi pirojeektoonni Gambeelaa biyyattii sadarkaa Afrikaatti Giddugala Warqii taasiisaa jiru.
Dabalataan, Liitiyeemii teeknooloojiif barbaachisu, Pootaashii Daalool (Afaar), Taantaalamii (Kibbaa fi Oromiyaa) fi Albuudonni gatii jabeeyyiin madda invastimantii idil-addunyaa hawwatu ta'aniiru.
Misoomni Albuudaa seeraan hogganamu kun sharafa biyya alaa fooyyessuu, carraa hojii uumuu fi badhaadhina waaraa dhugoomsuuf utubaa ta'a.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse