Komishiiniin Gamtaa Awurooppaa daa'imman waggaa 15 gadii fayyadama miidiyaa hawaasummaa, qoodinsa viidiyoo fi meeshaalee nam-tolchee (AI) kan daangessu Seera Daa'imman Gamtaa Awurooppaa haaraa (EU KIDS Act) ifoomsuuf qophaahuu ibseera.
Murtiin kun kan fudhatame ‘Appilikeeshiniiwwan’ akka ‘TikTok’ fi ‘Instagram’ fayyaa sammuu dargaggoota irratti miidhaa geessisaa jiru kan jedhuun ogeeyyii fayyaa, namoota siyaasaa fi maatiiwwan irraa dhiibbaan jabaachuu isaatiin.
Biyyoonni akka Firaansi, Ostiriyaa, Deenmaarki, Giriikii fi Ispeen sadarkaa biyyaatti seerota walfakkaatan baasaa kan turan yoo ta'u, labsiin haaraan kun guutuu Gamtichaa keessatti hojii irra oola jedhameera.
Seera haaraa kanaan:
Umrii 13 gadi: Fayyadama ‘Pilaatfoormootaa’ to'annoo maatii guutuu jalatti qofa taasisa.
Umrii 13–15: Yeroo ‘Iskiriinii’ fi walitti dhufeenya namoota hin beekamne waliin taasisan daangessuun to'annoo maatii diriirsa.
Umrii 15 fi isaa ol: ‘Akkaawuntii’ mataa isaanii banachuuf heeyyama argatu.
Seerri kun miidiyaa hawaasummaa, taphoota ‘Onlaayinii’ fi ‘AI’ ‘Chatbots’ kan dabalatu yoo ta'u, meeshaalee barnootaa garuu hin dabalatu jedhameera.
Dhaabbileen teeknooloojii umrii fayyadamtootaa mirkaneessuuf sirna dijitaalaa fi kaffaltii to'annoo akka taasisan ni dirqisiifamu.
Siifan Gaaddisaatu qindeesse