Yaad-rimee rakkoo mataa keenyaa mataa keenyaan furuu irratti hundaahuun, karaan dimokiraasii marii haaraan Itoophiyaatti marii ammayyaa fi tasgabbaahaa ta’e calaqqisiiseera.
Karaan kun qaama tokko qofa sagalee caalmaan murtoo dabarsuu irra, saboonni, sab-lammoonnii fi humnoonni siyaasaa garaa garaa dhimmoota biyyaaleessaa irratti yaada akka dhiheessaniif bakka kan kennudha.
Kanaanis, dhimmoota fuuldura biyyattii murteessan kutaan hawaasaa garaa garaa mariin yeroo dhiheessan, garaa garummaan sababa walitti bu’iinsaa ta’uurra, wal-dhaggeeffachuu fi bu’uura furmaataa ta’a.
Filannoo humnaa fi hidhannoorra mariidhaan garaa garummaa keessummeessuun aadaa siyaasaa nagaaf bu'uura ta'a.
Minjaala marii irratti yaada kan biraa dhaggeeffachuu fi dhimmoota walii hin galchiifne irratti waliigaluun, garaa garummaa walitti bu’iinsa irraa gara mariitti jijjiira.
Kunis waliigaltee irra gahame hojiirra oolchuuf hirmaannaa waliinii fi itti gaafatamummaa cimsa.
Qajeelfama kana yaadicha irraa gara hojiitti ceesisuuf, Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa yaadota garaa garaa itti dhaggeeffataman mijeessuudhaan hojii guddicha raawwateera.
Wal qoqqoodinsaa fi qeenxummaa dhiisuun, garaa garummaa seera qabeessummaan, wal qixxummaa fi mariidhaan keessummeessuun aadaa siyaasaa ijaaruun ijaarsa biyyaatiif gahee ol’aanaa qaba.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse