Barbaaduu

Miseensonni hidhattoota garee ABBUT/TPLF 300tti dhihaatan Raayyaa Ajaja Kaaba Lixaatti harka kennatan

Sep 18, 2026

Hidhattoonni garee seeraan alaa ABUT 300 ta’an Ajaja Kaaba Lixaatti harka kennatan.
Qophii waraanaa gareen nagaa hin jaallanne ABBUT/TPLF gochaa jiru jibbuu fi garicha waliin waraanuu baqachuudhaan hidhattoonni garichaa 300tti dhihaatan Raayyaa Ittisaa karaa Takkazeetiin jiru Ajaja Kaaba Lixaatti harka kennataniiru.
Loltoonni ABBUT Adda Dhihaa kallattii Takkazeetiin bakka addaa riqicha Takkazee bitaa fi mirgaan raayyaa ittisaa ajaja Lixaatti harka kennatan kunneen, diina uummata Itoophiyaa kan ta’e fi Shaabiyaa waliin qindoomina "Tsimdoo" jedhamu uuman uummata Tigraay kan hinfayyannee fi kan miidhu ta'uu hubachuun, hariiroo dursaanii Raayyaa ittisaa naannichatti argamu waliin uumaniin waliin dubbatanii haala miijessuun harka kennachuu akka danda'an dubbataniiru.
Gaaffiin uummata Tigraay kan hiikamu waliin dubbachuu fi waliigalteen malee qawween akka hintaane amanuun Raayyaa Ittisaatti harka kennachuuf murteessuus ibsaniiru.
Hidhattoonni kunneen meeshaalee dhuunfaa fi garee 280 0l, dhukaa'aawwan gosa adda addaa, agarsiistuu dirree waraanaa fi ragaalee adda addaa qabatanii galuu isaaniis Miidiyaan Raayyaa Ittisaa beeksiseera.