Barbaaduu

Kennaawwan Fulbaanaa:- Miidhagina Ayyaanaatii hanga bu'aa Tuuriizimiitti

Sep 18, 2026

Jiini Fulbaanaa Itoophiyaa keessatti madaallii bara haaraa fi uumama keelloon faayamu qofa osoo hin taane, utubaa galii tuuriizimii biyyaati.
Ji'a Fulbaanaa kana keessa Ayyaana Bara Haaraa ‘Inquuxaaxaashii’, Masqalaa (kan ‘UNESCO’n beekamtii argate), Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadii, Giifaataa, Yoohoo fi ayyaanonni sabaa fi sab-lammootaa midhaginaan kabajamu.
Roobni gannaa xumuramee haalli qilleensaa mijaataan uumamuun isaas sakatta'iinsa tuurizimii uumamaatiif biyya keenya filatamaa taasisa.
Tarkaanfiiwwan bu'uuraa gama tuuriizimiitiin fudhataman;
Imaammataa fi Dijitaala:- Tarsiimoo Konfaraansii, e-viizaa fi hojiiwwan dijitaalaa diriirfamaniin yaa'iinsi tuuristoota alaa dabaleera.
Misooma Pirojektootaa:- Pirojeektota "Maaddii Shaggar", "Maaddii Biyyaa" fi "Maaddii Dhalootaa"tiin paarkiiwwan, Rizoortiiwwan Iikkoo fi misoomni Kooridarii Finfinnee hawwattummaa biyyaa guddisaniiru.
Gumaacha Dinagdee:- Sharafa alaa argamsiisuun tajaajila hoteelaa, geejjibaa fi daawwachiiftota tuuriistiif carraa hojii uumeera.
Itoophiyaan Dhaabbata Tuuriizimii Addunyaa (UNWTO) irraa beekamtii argatteetti.
Fuuldurattis teeknooloojii ‘AI’ fi Iikkoo-tuuriizimii babal'isuun tajaajila ammayyeessuun waan itti fufuuf, ji'a kana fayyadamnee guddina dinagdeetiif hundi gahee isaa bahachuu qaba.
Ediitooriyaalii EBC Dotstream