Afrikaa gara sirna geejjiba anniisaa qulqulluutti ceesisuu irratti tarkaanfiin seenaa qabeessi galmaaheera.
Itoophiyaan sirna Loojistiksii anniisaa haaromfamuu irratti hundaahe ijaaruuf carraaqqii gochaa jirtu keessatti milkaahina gurguddaa galmeessisaa jirti.
Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii akka beeksisetti, Konkolaataan fe'umsa ulfaataa guutummaatti Elektirikiin hojjetu Keeniyaa Naayiroobiidhaa ka'uun karaa Mooyyalee kiiloo meetira 1,600 imaluudhaan Finfinnee galee jira.
Konkolaataan kun dhaqaa fi galaa kiiloo meetira 3,200 imaluudhaan, Afrikaa keessatti dandeettii imala fageenya dheeraa konkolaattota fe'umsa ulfaataa Elektirikii ifatti mirkaneesseera.
Imalli kun Walgahii ‘Naardik-Afrikaa’ Finfinneetti taa’ame booda kan raawwatame yoo ta'u, De’eetaan Ministira Geejjibaa fi Loojistikii obbo Bari’oo Hasan, adeemsichi kutannoo Itoophiyaan geejjiba Elektirikii fi Loojistiksii magariisa waaraaf qabdu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun tumsa geejjiba Itoophiyaa fi Keeniyaa cimsuu qofa osoo hin taane, Afrikaan hirkattummaa Boba'aa irraa gara anniisaa qulqulluutti jijjiiramuu akka dandeessu agarsiiftuudhas jedhan.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse