Walii galteen hawaasummaa mootummaa fi uummata gidduutti taasifamu duudhaalee waliinii, ol’aantummaa seeraa fi amantaa irratti kan hundaahudha.
Uummanni Itoophiyaa miiliyoona 54 ol ta’u galmaahee karaa dimokiraasiitiin mootummaa filachuun biyyattii gara boqonnaa seenaa haaraatti ceesiseera.
Sirna dimokiraasii keessatti maddi aangoo mootummaa uummata yoo ta’u, amantaan kenname dandeettii raawwachiisummaa ol’aanaatiin bu’aa argamsiisuu isaa mirkaneessa.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatti, mootummaan filannoo waliigalaa 7ffaatiin amantaa uummatarraa fudhatee kutannoo ol’aanaadhaan hojjechuuf qophaahuusaa beeksisaniiru.
Misoomaa fi Jijjiirama argame:
Walii galteen hawaasummaa karaa gama tokkoo qofa waan hin taaneef, mootummaan gahee isaa yeroo bahatu lammiileenis mirga isaanii fayyadamuu cinaatti dirqama isaanii ba’uun barbaachisaadha.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse