Torbeen Tuuriizimii Oromiyaa marsaa 6ffaan Fulbaana 19-21, 2019 sagantaa adda addaatiin kan kabajamu ta'uu, Komishiiniin Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.
Torbee Tuuriizimii Oromiyaa bara kanaa kabajamuuf qophiin xumuramuu, Komishinarri Itti Aanaa Komishiinichaa obbo Nagaa Wadaajoo beeksisan.
Misooma tuuriizimii riifoormiidhaan xiyyeeffannoo argateen, qabeenya Oromiyaa beeksisuu, agarsiisa qopheessuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi invaastaroota affeeruun bu'aa gaggaariin argamuusaa ibsaniiru.
Dabalataanis, dorgomtoota, michoota idil-addunyaa, dhaabbilee teeknooloojii, hawaasa fi miidiyaalee walitti fiduun carraa tuuriizimii itti fufiinsa qabu uumuuf hojjetamaa jira jedhan.
Torbeen Tuuriizimii Oromiyaa bara kanaas Fulbaana 19-21, 2019 Finfinnee, Hoteela 'Ethiopian Skylight'tti kan kabajamu ta’uu eeran.
Torbeen Tuuriizimii kun ammoo hirmaattotaa fi agarsiistota biyyoota 20 ol ta'an Gaanfa Afrikaa, Baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa, Awurooppaa fi Ameerikaa irraa walitti fida jedhameera.
Beeksisni aadaa, agarsiifni kalaqaa, Faashiniin, Muuziqaan, hojiin harkaa, badhaasni Tuuriizimii Oromiyaa fi dorgommiin 'Miss Tourism Oromia' qaama sagantaa kanaa ta’uun himameera.
Heeraan Silashiitu gabaase