Gaaffiin Hulaa Galaanaa Itoophiyaan yeroodha gara yerootti kaastu faayidaa dinagdee biyya tokkoo qofaaf osoo hin taane, guddina waaraa fi daldala addunyaatiif bu'uura.
Gaaffii baramaa "Itoophiyaan Galaana Diimaa maaliif barbaaddi?" jedhu qofa utuu hin taane, "Galaanni Diimaan Itoophiyaa maaliif barbaada?" jedhanii gaaffachuu fuuldura naannichaa sakatta'uuf murteessaadha.
Galaanni Diimaan sababoota ijoo armaan gadiitiif Itoophiyaa barbaada;
Hulaan Galaanaa karaa kallattiitiin argamuun, baasii geejjibaa hir'isee daldala naannichaa saffisiisa.
Itoophiyaan Baha Afrikaatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf humna amanamaa qabdi.
Walumaagalatti, Galaanni Diimaan dandeettii isaa guutuu fayyadamuuf, nageenya naannichaa eeguu fi daldala guddisuuf dandeettii fi gumaacha Itoophiyaa ni barbaada.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse