Falmiiwwan naannoo fi idil-addunyaa laga Abbayyaa irratti ka'an keessatti, Ijipti "Yaaddoo jiraachuun qaba" jettuu dhiheessitu fedhii ishee kan haqa-maleessa ta'e dhoksuufi.
Ijipti bishaan lafa jalaa guddaa qabaattus, bishaan Abbayyaa hojii qonnaa bishaan hedduu barbaadan kan akka Mixaaxisaa, Shankooraa fi Ruuzii omishuun akkasumas Ashawaa irratti bishaan faffacaasuudhaan gammoojjii keessatti magaalaa fi bakka bashannanaa dhoqqee irraa ijaaruun hojiiwwan faayidaa hin qabneef qisaasessiti.
Biyyoonni yaa’a gara gadii ammoo bishaan dhugaatii akka hin argannee fi Kuduraa kanneen akka Raafuufaallee akka hin omishne gooti.
Ijipti eegumsa naannoo fi misoomaaf beekamtii kennuu dhiisuudhaan, Itoophiyaan biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuun lolaa fi biyyee dhiqamu ittisuuf tattaaffii gootu deeggaruu irra ishee diiguuf sochooti.
Sudaaniinis meeshaa godhachuudhaan tasgabbii dhabsiisuuf hojjetti.
Kunis nageenya naannoo Galaana Diimaa fi Gaafa Afrikaa jeeqa.
Itoophiyaan Abbayya karaa haqa qabeessa ta'een fayyadamuun lammiilee ishee hiyyummaa keessaa baasuuf imala jalqabde cimsitee itti fufti.
Mirgi misoomaa fi walfayyadama waloo Itoophiyaas gonkumaa kan dhaabbatu miti.