Mata duree "Wal amantaa irra deebisanii gabbisuu fi jijjiirama haaraa sirnaan hogganuun; ‘UN’ hundaf hojjetu uumuu" jedhuun Ameerikaa, Niiwu Yoorkitti taa’amaa kan jiru Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 81ffaa irratti gareen jila ol’aanoo Itoophiyaa Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaaseetiin durfamu hirmaachaa jira.
Miseensota jilichaa kana keessatti Ministira Pilaanii fi Misoomaa Fitsum Asaffaa (PhD) fi Gorsaan Ministira Muummee Dhimmoota Baha Afrikaa Obbo Geetaachoo Reddaa ni argamu.
Itoophiyaan yaa'ii kana irratti dantaa biyyaalessaa ishee fi faayidaa Afrikaa eegsiisuu irratti mariiwwan taasifaman irratti gahee si’oomina qabu bahattu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisera.
Akkasumas, Itoophiyaan yaa'ii kana cinaatti mariiwwan gam-lamee fi dam-daneessa hedduu irratti akka hirmaattu eerameera.