Seenaan jiraachuu Itoophiyaa gumaachaa fi aarsaa gootota abbootiin kan barreeffamedha.
Har’as gootummaan kun Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti dammaqinaan kan calaqqisu yoo ta’u, waraanni har’aa gootummaa uumamaa sana teeknooloojii ammayyaa waliin makuudhaan milkaa’ina haaraa galmeessisaa jira.
Siyaasni jijjiiramuus biyyi itti fufti; kanaaf Raayyaa dhiibbaa siyaasaa irraa walaba ta'e, ogummaa fi duudhaa sirnaatiin ijaarame uumuun bu'uura ijaarsa mootummaa biyyaati.
Itoophiyaan waraana lafoo qofa irraa gara humna tarsiimowaa meeshaa ammayyaatti cechuun, samii (Humna Qilleensaa), lafoo (Komaandoo) fi Saayibariitiin daangaa fi faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisaa jirti.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahmmad (PhD) akka jedhanitti, meeshaan ammayyaa murteessaa ta'us, sochoostuun hunda yoomiyyuu "gootummaa waraana Itoophiyaa"ti.
Raayyaan Ittisa Biyyaa teeknooloojiidhaan cime, jaalala biyyaatiin gubatuu fi dhaabbata cimaa qabu kun wabii birmadummaa, tasgabbii fi ulfina Itoophiyaa dhalootaa dhalootatti ceehu ta’uun tajaajilaa jira.
Ediitooriyaalii EBC Dotstream