Ministirri Muummee Abiyyi Ahmmad (PhD) Jibuutii wayita gahan Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa'il Umar Geelee haala miidhagaadhaan simataniiru.
Odeeffannoon Waajjira Ministira Muummee irraa argame akka agarsiisutti, hoggantoonni lamaan hidhata dinagdee Itoophiyaa fi Jibuutii gidduu jiru yeroo kamiyyuu caalaa cimsuuf sagantaa pirojeektii waliigalaa ifoomu irratti waliin ni hirmaatu.