Barbaaduu

Obbo Geetaachoo Raddaa Ministira Tajaajila Walta'insa Misooma Addunyaa Noorweey waliin mari'atan

Sep 24, 2026

Gorsaan Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaa, Ministira Tajaajila Walta'insa Misooma Addunyaa Noorweey Osmuund Okruust waliin mari'ataniiru.
Qondaaltonni lamaan Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 81ffaa cinaattidha marii gar-lamee kana kan mari’atan.
Mariin isaanii kun ammoo dhimmoota nagaa fi tasgabbii Sudaan akkasumas biyyoota Gaanfa Afrikaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
Qaamoleen lamaan Sudaan keessatti nagaa waaraa buusuuf tattaaffiiwwan walta'iinsaa taasifaman cimsamuu akka qaban irratti yaada wal-jijjiiraniiru.