Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) 81ffaa Niiw Yoorkitti taa’amaa jiru irratti, waltajjii idil-addunyaa kanarratti sagaleen Afrikaa tokkummaa fi cichoomina dippilomaasii cimaadhaan leellifamaa jira.
Barreessaa ol’aanaan Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteeres, Afrikaan Mana Marii Nageenyaa (UNSC) keessatti teessoo dhaabbataa dhabuun ishee madaa seenaa haqa-maleessa ta'uu ibsan.
Afrikaan uummata biiliyoona 1.5 fi biyyoota 54 yookaan uummata addunyaa keessaa dhibbeentaa 29 kan qabdu ta'us, teessoo dhaabbataa mirga sagalee sagaleen kuffisuu (veto power) qabu dhabuun ishee hiyyummaa yaadaa fi seeraati.
Yeroo ammaa ajandaawwan ‘UNSC’ dhibbeentaa 70 fi murteewwan nagaa dhibbeentaa 50 dhimma Afrikaa irratti xiyyeeffatu.
Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyaa Atsqa Sillaasee, Pirezidaantiin Angoolaa Juwaawu Loreensoo fi hoggantoonni biroo akka ibsanitti, Afrikaan taajjabduu ta'uun dhaabbatee Waliigaltee Ezulwini bu'uureffachuudhaan teessoo dhaabbataa mirga sagalee sagaleen kuffisuu qaban 2 fi teessoo dhaabbataa hin taane akka argattu cichoominaan gaafataniiru.
‘UN’ riifoormii caaseffamaa taasisuu dhabuun nagaa fi guddina addunyaa waaraa ijaaruun akka hin danda'amne hoggantoonni Afrikaa hubachiisaniiru.