Seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti sirni haaraan yoo dhufu kan duraa diiguun aadaa baratamaa ta’ee ture.
Kunis dhaabbileen akka diigaman, dandeettii fi beekumsi jiru akka qisaasamuu fi biyyi wareegama guddaa akka kaffaltu taasiseera.
Haata’u malee mootummaa Ida’amuu seenessa diigumsaa kana jijjiiruun, dandeettii jiru cimsuu fi dhaabbilee bilisa ta'an ijaaruu irratti xiyyeeffateera.
Dhaabbileen seeraa, nageenyaa fi dimokiraasii dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa ta'uun birmadummaa biyyaa fi nageenya uummataa eegaa jiru.
Komishiiniin Marii Biyyaalessaa garaa garummaa jiru mariidhaan furuuf, akkasumas Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dabarsi aangoo waraana malee karadiidhaan akka raawwatamu gochuuf bu'uura cimaa kaahaniiru.
Filannoon Waliigalaa 7ffaan cehumsa siyaasaa tasgabbaahaaf murteessaa yoo ta'u, filachuun mirga qofa osoo hin taane dirqama biyya baraaruuti.
Hoggantoonni ni dhufu, ni darbu; dhaabbilee cimoon garuu dhalootaa dhalootatti cehuudhaan jireenya biyyaa mirkaneessu.
Dhaabbilee kanneen cimsuudhaan biyya cimaa dhaloota dhufuuf dabarsuun imaanaa guddaa bara keenyaati.