Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), Pirezidaanti Ismaa'el Umar Geelee fi dureessa beekkamaa Aliikoo Daangotee waliin ta'uun, Daamarjoog (Jibuutii) fi Dawallee (Itoophiyaa) kan qunnamsiisu pirojeektii sarara uummoo haaraa Boba’aa qulqullaa'e ittiin dabarfamu ifoomsan.
Pirojeektiin misooma bu'uura seenaa qabeessi kun teerminaala kuusaa fiixee lamaanitti kan hojjetamu yoo ta’u, pirojeektiin kun ‘Ethiopian Investment Holdings’ fi ‘Giruuppii Daangoteen’ (Dangote Group) kan raawwatamudha jedhameera.
Harkifannaa fi baasii Loojistiksiis hir'isuudhaan, wabii Anniisaa ni cimsa; akkasumas sarara daldalaa Itoophiyaa fi Jibuutii saffisaa fi waaraa taasisa.
Misoomni bu'uuraa kun sarara uummoo dabarsa Boba’aa qofa osoo hin taane, invastimantii fi guddina waloo Afrikaanotaa gidduugaleessa kan godhate, hidhata naannoo fi egeree dinagdee waloo amansiisaa ta'e uumuuf kan gumaachudha.