Barbaaduu

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) baga Ayyaana Masqalaa geessan jechuun ergaa dabarsan

Sep 26, 2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Ayyaana Masqalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni Masqalaa amantii fi aadaa bu’uureffachuun Itoophiyaa guututti bifa ho’aadhaan kan kabajamuudha jedhan ergaa isaaniitiin.
Ayyaanni kun maatiin kan itti wal argu, ollaan kan ittiin walitti qabamee gammadu, magaallii fi naannoo isaa addababayii tokkotti kan walitti dhufu ta'uus eeran.
Xombora walitti qabuurraa hanga Damaraatti walitti qabamni jirus fakkeenya humna ida'amuu agrsiisuudha jedhan.
Ayyaanichi wayita kabajamu humnootaa fi dandeettiiwwan Itoophiyaa walittiqabuu fi walitti ida'uun humna biyyaalessaa cimaa uumuuf tattaafachuun akka barbaachisu dhaamaniiru.
Ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta'u haawwuu fi uumaan Itoophiyaa haa eebbisu jechuunis hawwii gaarii qaban dabarsaniiru.