Ministirri Muummee Itti aanaa obbo Tamasgan Xurunaa Ayyaana Masqalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanichi Fannoon waggoota 300f dhokatee ture kan itti bahe, oduu gammachuu fi ifni kan itti mul'ate ta'uu ibsan.
Dogoggora namoonni bara tokkotti uuman, baroota birootti warri hubannoo qaban akka sirreessan dubbataniiru; kunis tattaaffii amma Hulaa Galaanaa sirreessuuf taasifamu waliin walfakkaata jedhan.
Waqtiin gannaa ulfaataan darbee wayita waqtiin Birraan seenu kan kabajamu ayyaanni Masqalaa, humna Ida’amuu agarsiisa jedhaniiru.
Ayyaanni kun guutuu biyyaatti yeroo wal fakkaataatti tokkummaa fi aadaa adda addaa sabootaatiin dabalamee kan kabajamu ta’uu eeran.
Barri 2019 rakkinaa fi qormaanni kan itti dhabamu, badhaadhinnii fi gammachuun gara maatii hundatti kan itti galu akka ta'u abdii qaban ibsaniiru.