Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee baga ayyaana Masqalaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
“Ayyaanni Masqalaa miidhagina magaalaa keenyaa kan ta’an ayyaanota addababayii keessaa tokko fi Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Biyyoota Gamtoomanii ‘UNESCO’n hambaa Kiliyaa ta’ee kan galmaahedha.
Ayyaanichi duudhaa amantii isaa eeggatee, uffannaa aadaa keenyaan faayamee, hawwata tuuriiziimii ta’uudhaan bifaa fi miidhagina gaarii biyya keenyaa kan calaqqisiisu ta’a.
Akkuma kanaan duraa ayyaanicha yoo kabajnu akkuma Damaraa tokkummaan walitti dabalamnee, tumsaa fi jaalalaan akka kabajnu” jechuudhaan Kantiibaa Adaanach Abeebee dhaamaniiru.