Barbaaduu

“Waadaa uummata keenyaaf galle hojiin agarsiisuuf ni hojjenna” - Obbo Shimallis Abdiisaa

Sep 28, 2026

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, uummanni Oromoo imaanaa guddaa isaaniitti kenneef galateeffachuudhaan, itti gaafatamummaa kenname amanamummaa fi bu’aa hojii irratti hundaa’uun ba’achuuf waadaa galaniiru.
Injifannoowwan argaman tiksuu qofa osoo hin taane, bu’aawwan kana irratti hundaa’uudhaan Oromiyaa waan hundaan of dandeette fi badhaate ijaaruuf hojiin itti fufiinsa qabu murteessaa ta’uu ibsan.
Karoora of danda’uu waggoota shanan dhufanii milkeessuuf hojii misooma magaalaa fi baadiyyaa cimsuu, gufuulee misoomaa furuu fi hawaasa waliin qindoominaan hojjechuun xiyyeeffannoo ijoo ta’uu kaasaniiru.
Dhaloonni ammaa beekumsa, ogummaa fi dandeettii isaa cimsachuudhaan egeree isaa ijaaruu akka qabu hubachiisan.
Kaayyoo waliinii fi tokkummaa irratti hundaahuun, waggaa waggaadhaan bu’aa qabatamaa galmeessuun badhaadhina hundagaleessaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.