Barbaaduu

"Guyyaan har'aa jalqabbbii boqonnaa imala haaraati" –Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa obbo Abdulsalaam Waariyoo

Sep 28, 2026

Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa haaraa moggaafaman obbo Abdulsalaam Waariyoo, miseensota Caffee haaraaf ergaa dabarsaniin itti gaafatamummaa uummanni itti kenne xiiqii fi kutannoo ol’aanaan akka bahatan dhaamaniiru.
Guyyaan har'aa guyyaa seena qabeessa ta'uu fi uummata Naannoo Oromiyaa tajaajiiluuf hiree argametti qixaan fayyadamuun murteessaa waan ta’eef, amanummummaa guutuudhaan miira waloomaa cimsuun hawaasa tajaajiluun barbaachisaa ta'uus himan.
Misooma waaraa fi birmadummaa biyyaa tiksuuf hojjechuunis murteessaa ta'uu eeraniiru.
Paartiin Badhaadhinaa waadaa gochaan dhugoomsaa jiraachuu fi humna, beekumsa, qabeenya, horataawwan jiru hundaa qusannaa tokko malee hojjechuun akka barbaachisu dubbatan.